Matthew 21:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus deebisee, “Anille gaaffii tokko isin gaafadha; isin yoo deebii naa deebittane, achiin duuba anille baallii maaniitiin waan kana akka godhu isinitti hima.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan jed'eeni, Anileeni gaafi toko isani gaafad'a; yo isani naa deebiftani, anileeni jabeenna waan kana tolchuuni isaniti hima.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesusiileen, “Anilleen gaafii tokkoo isan gaafadhaa, yo isan naa deebiftan, anilleen jabeenna waan kana tolchuun isanitti hima.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus deebisee, «Anillee gaafii tokko isin gaafadha; isin yoo deebii naa deebiftan achiin maayii anillee baallii maali'iitiin waan kana akka godhu isinitti hima.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus deebisee, «Anillee gaafii tokko isin gaafadha; isin yoo deebii naa deebiftan, achiin maayii anillee baallii maali'iitiin waan kana akka godhu isinitti hima.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Ani'llee gaafii tokko si ni gaafadha, gaafii kiyyaaf deebii yoo naa kennitan, ani'llee kana mara aangoo maali'iitiin akka raawwadhu isinitti ni hima.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus deebisee, «Anille gaaffii tokko isin gaafadha; isin yoo deebii naa deebittane, achiin duuba anille baallii maaniitiin waan kana akka godhu isinitti hima.