Matthew 21:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Cuuphaan Yohaannis cuuphe Waaqa irraa dhutte moo, yookiin nama irraa dhutte?” isaaniin jedhe. Isaanille wol mormanee, “ ‘Waaqa irraa dhutte’ yoo jenne, inni, ‘Isin maaf isa hin dhugeeffatinaa ree?’ nuun jedha;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Batisooni Yohana eesaa d'ufte? Waaqa biraa d'ufte mo nama biraa d'ufte? Worri wolmorme waan jed'e, Maani jenna? Yo nu Waaqa biraa d'ufte jenne, inni waan nuuni jed'u, Maafi Yohana ind'ugefatiina re?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Cuuphaan Yoh. aannis eessaa dhufte? Waaqaa biraa dhufte moo nama biraa dhufte?” jedhee gaafate. Warrii walmormee, “Maan jenna? Yo nu Waaqaa biraa dhufte jennee innii, ‘Maaf Yoh. aannis hindhugeeffatinaa ree?’ nuun jedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Cuuphaan Yohaannis cuuphe Rabbiin irraa dhufe moo, yookaan nama irraa dhufe?» isaaniin jedhe. Isaanillee wol mormanii, « ‹Rabbiin irraa dhufe› yoo jenne inni, ‹Isin maaf isa hin amanne ree?› nuun jedha;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Cuuphaan Yohaannis cuuphe Rabbiin irraa dhufe moo, yookiin nama irraa dhufe?» isaaniin jedhe. Isaanillee wol mormanii, « ‹Rabbiin irraa dhufe› yoo jenne, inni, ‹Isin maaf isa hin amanne ree?› nuun jedha;
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Cuuphaan Yohaannis eessaa dhufe? Waaqaa irraayyi ture moo yookiin nama biraa?» Isaan'llee ufii isaanii titti akkana jechu'uun woliin ni mari'atan, « ‹Waaqaa biraayyi› yoo jenne, ‹eegaa maali'iif itti amanuu dhabddan ree?› nuun jedha,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Cuuphaan Yohaannis cuuphe Waaqa irraa dhutte moo, yookiin nama irraa dhutte?» isaaniin jedhe. Isaanille wol mormanee, « ‹Waaqa irraa dhutte› yoo jenne, inni, ‹Isin maaf isa hin dhugeeffatinaa ree?› nuun jedha;