Matthew 21:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ammoo yoo nuuti, ‘Nama irraa’ jenne, martinuu akka raaga'aatitti waan Yohaannis fudhatanuuf, kolbaa sodaanna” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo nu nama biraa d'ufte jenne, nu biyya sodaanna, waan nami ch'ufti Yohana raaga sehuufi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo nu nama biraa dhufte jenne, waan namii cuftii Yoh. aannis raaga se'uuf nu biyya sodaanna” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
‹Nama irraa› yoo jenne, martinuu akka raagaatitti waan Yohaannisiin laalaniif, gumii sodaanna» jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
‹Nama irraa› yoo jenne, martinuu akka raagaatitti waan Yohaannisiin laalaniif, gumii sodaanna» jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
‹nama biraayyi› yoo jenne ammoo, Yohaanisiin marri isaaniituu akka nabiyyi'ii titti waan isa laalaniif, ummata ni sodaanna.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ammoo yoo nuuti, ‹Nama irraa› jenne, martinuu akka raaga'aatitti waan Yohaannis fudhatanuuf, kolbaa sodaanna» jedhane.