Matthew 21:28 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus isaaniin, “Maan isinitti fakkaata? Nami tokko ijoollee lama qabaayyu; inni gara angafichaa dhaqee, ‘Ilma kiyya, adha addee woyni'ii dhaqii huji’ jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani maani seetani? Nama ilmaani lama qabuti jira. Inni gara angafa d'aqe waan jed'eeni, Oobru zabibu arra d'aqi keesa hojad'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Isan maal seetan? Nama ilmaan lama qabuutti jira. Innii gara hangafaa dhaqee, ‘Ardha oobruu Waynii dhaqii keessa hojjadhu’ jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus isaaniin, «Maal isinitti fakkaata? Namichi tokko ijoollee lama qaba; inni gara hangaftichaa dhaqee, ‹Ilma kiyya! adha hulee woyini'ii dhaqii huji› jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus isaaniin, «Maal isinitti fakkaata? Namichi tokko ijoollee lama qaba; inni gara hangaftichaa dhaqee, ‹Ilma kiyya, adha hulee woyini'ii dhaqii huji› jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aanssee'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Eegaa maal isinitti fakkaata ree? Naminni tokko ijoollee lamaa ni qaba ture, isaan keessaa gara tokkoo dhiyaatee, ‹yaa ilma kiyya, adha gara bakka biqilttuu kiyya ka woyinnii deemittee, akka hojjattu haa ta'u!› ni jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus isaaniin, «Maan isinitti fakkaata? Nami tokko ijoollee lama qabaayyu; inni gara angafichaa dhaqee, ‹Ilma kiyya, adha addee woyni'ii dhaqii huji› jedheen.