Matthew 21:31 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan lamaan kana keessaa kamitti waan abbaan barbaade tolche?” jedheen. Isaan, “Angaficha” jedhane. Yesuus, “Ani dhugumaan isinitti hima, worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti mootummaa Waaqaatitti galiisa isin dursan” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eentu fed'i abba ufi guute? Angafa jed'aniini. Yesoni waan jed'e, Waan anini isaniti himu, sharmut'afi worri damoosa guuru isani durati Finna Waaqa argata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warra kana lamaan eentu fedhii abbaa ufii guute? jedheen. Jennaan ‘Angafticha’ ” jedhaniin. Yesus ammoo warraan, “Warrii shaarmuxaatii fi warrii qaraxa guuru isan duratti Mootummaa Waaqaa argata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan lamaan kanniin keessaa kamtu waan abbaan barbaade hojjate?» jedheen. Isaan, «Hangafticha» jedhan. Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha. Worri qaraxa guuruu fi seebartoonni jeennata Rabbii galu'uun isin firrisan» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan lamaan kanniin keessaa kamtu waan abbaan barbaade hojjate?» jedheen. Isaan, «Hangafticha» jedhan. Yesuus, «Ani dhugamaan isiniin jedha. Worri qaraxa guuruu fi seebartoonni jeennata Rabbii galu'uun isin firrisan» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa ijoollee kaniin lamaan keessaa, ka ajaja abbaa isaa raawwate kamii?» Isaan'llee, «Ka jalqabaati kaa!» jedhan. Yesus'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Dhugamaan isiniin ni jedha, cubbamoonnii fi sagaagalttoonni gara Mootummaa Waaqaa titti galu'uun, isin ni durssan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan lamaan kana keessaa kamitti waan abbaan barbaade tolche?» jedheen. Isaan, «Angaficha» jedhane. Yesuus, «Ani dhugumaan isinitti hima, worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti mootummaa Waaqaatitti galiisa isin dursan.