Matthew 21:32 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yohaannisiin cuuphaan karaa balchumma'aa isinitti dhufee jennaan isin isa hin dhugeeffanne; worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti ammoo isa dhugeeffatane; isin eeguma kana dhaggitanelle, yaada keessan jijjiirattanee isa hin dhugeeffanne” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yohanani nama batisu d'ufe kara d'uga isani agarsiise, ammo isani d'ugefachu diddani; tatule worra damoosa guurufi sharmut'ileeni isa d'ugefatte. Eegi waan kana gartanile, qalbi teesani garagalchitani isa d'ugefachu diddani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoh. aannisiin nama cuuphu dhufee karaa qajeelumaa isan garsiisee, isan ammoo dhugeeffachu diddanii, warrii qaraxaa guuruu fi warrii sharmuxiilleen isa dhugeeffate. Eegii waan kana gartaniillee, qalbii teessan garagalchitanii isa dhugeeffachuu diddan” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yohaannis karaa qajeellumma'aatiin isinii dhufe; isin ammo itti hin amanne. Qaraxxoonninii fi seebartoonni ammo itti amanan. Isin kana argitaniillee aagii galtanii itti hin amanne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yohaannis karaa qajeellumma'aatiin isinii dhufe. Isin ammoo itti hin amanne. Qaraxxoonninii fi seebartoonni ammoo itti amanan. Isin kana argitaniillee, aagii galtanii itti hin amanne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yohaannisiin cuuphaan karaa qulqullaayomaa isinitti muldhisu'uuf dhufnnaan hin amanneen, cubbamoonnii fi sagaagalttoonni garuu ni amananiin, kanuma'llee argitanii gara Waaqaa deebitanii, hin amanneen.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yohaannisiin cuuphaan karaa balchumma'aa isinitti dhufee jennaan isin isa hin dhugeeffanne; worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti ammoo isa dhugeeffatane; isin eeguma kana dhaggitanelle, yaada keessan jijjiirattanee isa hin dhugeeffanne» isaaniin jedhe.