Matthew 21:33 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammalle, “Mammaassa dhibii dhage'a'a! Namichi tokko muka woyni'ii dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba inni qonnaan boltootaaf kireessee, gara biyya dhibi'ii deeme.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Mammaasa kana ch'aqasa. Abba oobru toko jira ka oobru zabibu oobrate, dallaani marse, fulla daad'i iti ch'ach'arasanifi doofi oobru jaarate. Oobru ufi harka namati lakise, imaltu d'aqe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mammaassa tokko dhibii caqasaa. “Abbaa oobruu tokkoo jira ka oobruu Waynii oobratee, dallaan marsee, fulaa Waynii itti cacarasanii fi doofii oobruu jaarrate. Oobruu ufii harka namatti lakkisee, himaltuu dhaqe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammallee akkana isaaniin jedhe, «Mammaaka biraa dhagayaa'a! Namicha biqiltuu woyini'ii dhaabe tokkotu ture. Dallawa dhaga'aan itti ijaaree, boolla woyinii itti cuunfanillee qotee, siree irra taa'anii eegan ijaaree qonnaan bultootatti kireessee gara biyya biraa deeme.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammallee, «Mammaaka biraa dhagayaa'a!, Namicha biqiltuu woyini'ii dhaabe tokkotu ture. Dallawa dhaga'aan itti ijaaree, boolla woyinii itti cuunfanillee qotee, siree irra taa'anii eegan ijaaree qotee bultootatti kireessee gara biyya biraa deeme.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Irra deebi'ee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Fakkeenna bira'aa'llee dhagayaa, biqilttuu woyinni'ii ka dhaabe nama tokkotu jira ture, inni'llee biqilttuu woyinni'ii naannayatti dalaya ni dallaye, cuunffaa wooyinni'iitiif ka ta'u boolla qotee ni midhaasse, eegiddoo woyinni'iitiif ka tajaajilu kaabaa dhaga'aa dheeraa ni hojjate, kanaan duubatti bakka biqilttu'uu qotee bulttootaaf kireessee, gara biyya bira'aa ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammalle, «Mammaassa dhibii dhage'a'a! Namichi tokko muka woyni'ii dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba inni qonnaan bultootaaf kireessee, gara biyya dhibi'ii deeme.