Matthew 21:36 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni ammalle tajaajiltoota worra qaraa laakkossaan caalanu ka dhibii itti erge; isaan akkuma worra duraa kaan isaan godhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle abbaani oobru kaani tissele d'ibi erge, ta haga qara ira jirtu, ammalle jari oobru qorqoratu kaani akasuma worra tolche.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee abbaan oobruu kaan hojjatoota dhibii ta haga qaraa irra jirtu itti erge, ammallee jarii oobruu qorqoraatu kaan akkasuma warra tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abbaan maasaa biqiltuu sanii worra hojjattoota duraa laakkobsaan caalan isaanitti erge. Sanniinillee akkuma kaawwanii godhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra hojjattoota duraa laakkobsaan caalan isaanitti erge. Sanniinillee akkuma kaawwanii godhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Abbaan bakka biqilttuu woyinni'llee deebi'ee tajaajilttoota, laakkofssi isaanii worra duraanii caalu erge. Qotee bulttoonni isaan irratti'llee gochuma wol fakkaataa ni raawwatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ammalle tajaajiltoota worra qaraa laakkossaan caalanu ka dhibii itti erge; isaan akkuma worra duraa kaan isaan godhane.