Matthew 21:42 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Isin Barreeffama Wayyicha keessatti, ‘Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakka dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e; tana Gootta'atti godhe, ila teennalle'etti waan baasaa ti!’ ka jedhu ijjumaa hin dubbinnee?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan worraani jed'e, Isani waan t'aafiini jettu taka insoomne? D'akhachi ijaartuuni tuffatte dide ya d'akha ch'ufa ira jabaa tahe. Aabbooti waan kana tolche, ila teenna durati wonti kuni waan mamaati!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus deebi'ee warraan, “Isan waan barreesiin qulqulloon jettu takka hindubbimnee? ‘Dhakachii ijaartuun tuffattee dide ya dhakaa cufa irra jabaa ta'e; Aabbootti waan kana tolche, ila teenna duratti wantii kun waan mamaa’ ” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus, «Isin barreeffama Woyyuu keessatti, ‹Dhagaan worri mana ijaaru tuffate, inni dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'e; kun Goofta'aan ta'e, Ija keennaafillee waan baasaati!› Ka jedhu horomaa hin dubbifnee?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus, «Isin barreeffama Woyyuu keessatti, ‹Dhagaan worri mana ijaaru tuffate, inni dhagaa dhagaa maraa caalaa barbaadamu ta'e; kun Goofta'an ta'e, Ija keennaafillee waan baasaa ti!› Ka jedhu horomaa hin dubbifnee?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Itti aanssee'llee Yesus akkana isaaniin ni jedhe, «Kitaabban qulqullaawota keessatti, ‹dhagaa worri kaabaa dhaga'aa ijaaran tuffataniin, inni dhagaa ijoo cabissata mata'aa ni ta'e, kun'llee hujii Goofta'aati, ija teennaaf'llee baasa› jedhamee ka barreeffame, gonkumaa isin hin dubbifinnee moo?»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Isin Barreeffama Woyyicha keessatti, «‹Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakaa dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e; tana Gootta'atti godhe, ila teennalle'etti waan baasaa ti!› ka jedhu ijjumaa hin dubbinnee?