Matthew 21:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Gumiin isa dura deentuu fi isa faana deentu iyyitee, “Hosaa'innaa Ilma Daawwitiitiif! Maqaa Gootta'aatiin ka dhufu ka eebbifame! Hosaa'innaa olii ol-gubba'aatitti!” jette.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumiini Yeso dura yaatufi ta duuba yaatu iyite waan jette, Ilmi Daudi ha guddifamu. Ka maqa Aabbootiini d'ufu ha eebifamu! Waaqa ha faarsani jed'ani!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gumiin Yesus dura yaatuu fi ta duuba yaatu iyyitee, “Ilmii Daawiti ha guddifamuu! Ka maqaa Aabbootiin dhufu ha eebbifamuu! Waaqaa guddaa gubbaa ha guddisaanii!” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gumiin afo'oo fi duuba isaatiin deeman iyya'aa, «Hosaanaa Ilma Daawitiitiif Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Hosaanaa samii irratti!» jedha'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gumiin afo'oo fi duuba isaatiin deeman iyya'aa, «Hosaanaa Ilma Daawitiitiif jedha. Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Hosaanaa samii irratti!» jedha'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ummata dura dura ni deeman ka turan'llee, «Hosaa'inaa Ilma Daawiitiitiif Galanni haa ta'u! Ka maqaa Goofta'aatiin dhufu ka eebbifame! Hosaa'inaa! Galanni ol sami'itti Waaqaaf haa ta'u!» jedha'aa ni iyyan ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Gumiin isa dura deentuu fi isa faana deentu iyyitee, «Hosaa'inaa Ilma Daawitiitiif! Maqaa Gootta'aatiin ka dhufu ka eebbifame! Hosaa'inaa olii ol-gubba'aatitti!» jette.