Matthew 22:16 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan barattoota ifii golii Heroodisii woliin gara isaa erganee, “Barsiisa'a, akka ati dhugaamessaa nuuti hin beenna; karaa Waaqaa dhugumaan barsiitta, ati nama hin sodaattu, nama tokkolle wol hin caalchittu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jara worraatiifi jara Herode woliini Yesoti ergani waan jed'ani, Aabbo, nu imbeenna aka atini nama d'uga, atini waan Waaqi nama ira fed'u akuma d'uga barsiifta; waan nami jed'ule iyaaltu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jara warrattii fi jara Herodis waliin Yesusitti erganii, “Barsiisaa, akka atin nama dhugaa taate, karaa Waaqaallee akka dhugumaan barsiiftu, waan namii jedhuullee akka hin yaallee ammallee nama hinsodaanne nu inbeenna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Darasoota isaallee worra gosa Heroodisii woliin itti ergan. Isaanillee, «Barsiisaa'a! akka ati dhugaa taate dhugamaan akka karaa Rabbii barsiiftu hin beenna. Fuula namaa laala'aa eennuunillee wol hin caalchiftu.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Darasoota isaallee worra gosa Heroodisii woliin itti ergan. Isaanillee, «Barsiisaa'a, akka ati dhugaa taate dhugamaan karaa Rabbii akka barsiiftu hin beenna. Fuula namaa laala'aa eennuunillee wol hin caalchiftu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Farisoonni'llee barattoota isaanii namoota Heerodisii woliin'llee gara Yesusii erganii, «Yaa barsiisaa! Ati dhugaalessa ta'uu keetii fi karaa Waaqaa'llee dhuga'aan akka barsiifttu ni beekinna, nama'llee sodaachu'uun wonitti raawwatu hin jiru, namaaf'llee hin dalittu» eega isaan jedhaniin duubatti, akkana jedhanii ni gaafataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan barattoota ifii golii Heroodisii woliin gara isaa erganee, «Barsiisa'a, akka ati dhugaamessaa nuuti hin beenna; karaa Waaqaa dhugumaan barsiitta, ati nama hin sodaattu, nama tokkolle wol hin caalchittu.