Matthew 22:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan deebisanee, “Ka mootii mootota biyya Rooma'aa ti” jedhaneen. Achiin duuba inni, “Tanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Waaqaalle Waaqaaf kenna'a” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ka hayyu Kaisari jed'ani. Jennaani Yesoni waan jed'eeni, Yoosi hayyu waan isaa male baasa, Waaqale waan maleefi baasa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warriilleen, “Ka hayyuu Qeesarii” jedhe jennaan Yesus, “Yoos hayyuu waan isaa male baasaaf, Waaqaallee waan maleef baasaaf” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan deebisanii, «Ka mootii mootota biyya Rooma'aati» jedhaniin. Achiin maayessa inni, «Kanaaf waan mooti'ii mooti'iif; waan Rabbii Rabbiif kennaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan deebisanii, «Ka mootii mootota biyya Rooma'aa ti» jedhaniin. Achiin maayessa inni, «Kanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Rabbii Rabbiif kennaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee, «Ka nugusa worra Rooma'aati!» ni jedhaniin, Inni'llee, «Eegasuu ka nugusaa nugusichaaf, ka Waaqaa'llee Waaqaaf kennaa» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan deebisanee, «Ka mootii mootota biyya Rooma'aa ti» jedhaneen. Achiin duuba inni, «Tanaaf, waan mootii moototaa mootii moototaatiif, waan Waaqaalle Waaqaaf kenna'a» isaaniin jedhe.