Matthew 22:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Barsiisa'a, Muuseen, ‘Nami tokko adoo hin uumatin yoo du'e, obboleessi isaa niitii obboleessa du'ee san dhaalee, sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti’ jedheera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba isiini waan jette, Aabbo, waan Musani barsiise, Yo nami ilmaani male due, oboleesi isaa niiti isaa fuud'e, oboleesa ufiti ilmaani d'alu male jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Aabboo, waan Museen barsiise, ‘Yo namii ilmaan malee du'e, obbooleessii isaa niitii isaa dhaalee, obbooleessa ufiitii ilmaan dhaluu male’ jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Barsiisaa'a! Muuseen, ‹Namni tokko uduu hin uumanne yoo du'e, obboleessi isaa haadha manaa obboleessa du'ee san dhaalee, fiixaa obboleessa ufiitiif haa dabarsuu› jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Barsiisaa'a, Muuseen, ‹Namni tokko uduu hin uumanne yoo du'e, obboleessi isaa haadha manaa obboleessa du'ee san dhaalee, fiixaa obboleessa ufiitiif haa dabarsuu› jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Yaa barsiisaa! Museen, ‹naminni tokko finna uduu hin uumatin haadha worraa isaa irraa du'aan yoo fooyame, obboleessi isaa haadha worraa ka du'ee fuudhee, ka du'eef fiixaa bakka haa buusuuf,› jedhee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Barsiisa'a, Muuseen, ‹Nami tokko adoo hin uumatin yoo du'e, obboleessi isaa niitii obboleessa du'ee san dhaalee, sanyii obboleessa ifiitiif dabarsuu ti› jedheera.