Matthew 23:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus, “Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isin balbala mootummaa ol-gubba'aa kolbaa duratti cuttanuuf, isiniif aanne'e! Isin ifiif hin galtanu, worra galiisaaf barbaadulle, hin dhooggitan. [
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaargala keesani jara Seera beekhufi Farisayo! Kiyyibdoole! Isani Finna gubba nama duraa ch'uftani, ammo ufile inseentani, yokhaani worra seennu fed'ule d'owartani. [
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaargalii keessan jara seera beekuu fi Fariisota! Kiyibdoolee! Isan Mootummaa Waaqaa nama duraa cuftanii, ufiillee induuddan, warra duuduu fedhuullee indhowartan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus, «Barsiisota seera Muuse'eetii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin balbala jeennata sami'ii waan namatti cuftaniif isin aanne'e! Isin hin galtan; worra itti galanillee akka itti hin galle dhooggitan. [
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus, «Barsiisota seera Muuse'eetii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin balbala jeennata sami'ii namatti waan cuftaniif isin aanne'e! Isin hin galtan, worra itti galanillee akka itti hin galle dhooggitan. [
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Naminni gara Mootummaa Sami'ii titti akka hin aseennef balbala ka cufittan isin fakkeesitoota nana, barsiisonni seeraatii fi Farisoonni! Isinii uunsha'a! Isin mataa keessan itti hin aseenttan, worra barbaadan'llee akka itti hin aseenneef ni dhoogitan!» [
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus, «Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isin balbala mootummaa ol-gubba'aa kolbaa duratti cuttanuuf, isiniif aanne'e! Isin ifiif hin galtanu, worra galiisaaf barbaadulle, hin dhooggitan. [