Matthew 23:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Nama tokko dhugeeffannaa Yihudootaa fudhachiisiisaaf abbaaya'aa fi lafa irra asii fi achi deddeentan, isin nama fudhate san dachaa lama isin caalaa ilma qile'ee isa gootan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaargala keesani, jara Seera beekhufi Farisayo! Kiyyibdoole! Galaana taakitani, lafa fago yaatani, aka nama toko aada teesani barsiiftani; yo inni barate, maro lama haga keesanile ira ibidaa male!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaargalii keessan, jara seera beekuu fi Fariisota Kiyibdoolee! Galaana taakkitanii, nama tokko aadaa teessan barsiisuuf lafa fagoo yaatan, innii yo barate marroo lama haga keessaniillee irra ibiddaa male!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin barsiisoota Seera Muuse'eetii fi Fariisota fakkeessitoota! Isin aanne'e! Nama tokko amantii Yihuudotaa fudhachiisu'uuf galaanaa fi lafa irra asii fi achi deddeemtan; isin nama fudhate san dachaa lama isin caalaa ilma asaabaa waan isa gootaniif isin aanne'e!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin barsiisoota Seera Muuse'eetii fi Fariisoota fakkeessitoota! Isin aanne'e! Nama tokko amantii Yihuudotaa fudhachiisu'uuf galaanaa fi lafa irra asii fi achi deddeemtan, isin nama fudhate san dachaa lama isin caalaa ilma asaabaa waan isa gootaniif isin aanne'e!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Isin fakkeessitoota, barsiisonni seeraatii fi Farisoonni! Isinii uunsha'a! Nama tokko horddofaa amantii keessan taasisu'uuf garba ciisa'aa fi lafa irraa'llee ni naannofttan, yeroo isa aseensifttaniintti'llee, isin irra harka lamaan dachaa ka caaluun, ibidda asaabaatiif ka qophaaye ni taasfttaniin!»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Barsiisota Seera Muuse'eetii fi Fariisaayota kijiboole'e! Isiniif aanne'e! Nama tokko dhugeeffannaa Yihudootaa fudhachiisiisaaf abbaaya'aa fi lafa irra asii fi achi deddeentan, isin nama fudhate san dachaa lama isin caalaa ilma qile'ee isa gootan.