Matthew 23:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin gowwoota balla'a! Worqi'i moo Galma Waaqaa ka worqii woyyoonsutti caala?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isaani daalle ila inqamne! Worqi mo Mana Waaqaati ira jira, ka worqi qulqulleesu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan daallee ila hinqamne! Warqii moo Mana Waaqaa ka warqii qulqulleessuutti irra jira?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin gowwootaa fi worra ijaan hin argine! Worqi'i moo mana woyyuu ka worqii woyyoomsutu caala?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin gowwootaa fi balloota! Worqi'i moo mana woyyuu ka worqii woyyoomsutu caala?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin goowootaa fi jaamota nana! Worqqi'ii fi Mana Waaqeffanna'aa ka worqqii qulqullaayomssu kamittu caala?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin gowwoota balla'a! Worqi'i moo Galma Waaqaa ka worqii woyyoonsutti caala?