Matthew 23:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin, ‘Nami yoo addee ciinca'aatiin kakate, kakuun sun isa hin geettu; ammoo yoo nami kennansa addee ciinca'aa irra jiruun kakate, kakuun sun isa geetti’ jettan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle yo nami waan sorio irati qalanini kakhate, womaniti jettani barsiiftani, ammo yo inni sorio waan sorio irati qalani gubba teetuni kakhate woi jettani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee yo namii waan sooriyoo irratti qalaniin kakate, homaaniti jettanii barsiiftan, ammoo yo innii sooriyoo waan sooriyoo irratti qalan gubbaa teettunin kakate wayya jettan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin, ‹Namni mi'a kennaa Rabbii ittiin dhiyeessuun yoo kakate, kakuun sun isa hin geettu; haa ta'uu ammo, namni kennaa irra jiruun yoo kakate, kakuun sun isa geetti› jettan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin, ‹Namni mi'a kennaa Rabbii ittiin dhiyeessuun yoo kakate, kakuun sun isa hin geettu; haata'uu ammo, namni kennaa irra jiruun yoo kakate, kakuun sun isa geetti› jettan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana, ‹naminni furdaan yoo kakate womaayyuu miti› ‹kennaa furdda irra jiruun yoo kakate garuu, kaku'uun ni qabama› jettan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin, ‹Nami yoo addee ciinca'aatiin kakate, kakuun sun isa hin geettu; ammoo yoo nami kennansa addee ciinca'aa irra jiruun kakate, kakuun sun isa geetti› jettan.