Matthew 23:28 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma isinille gubba'aan worra dhibi'itti balchoota fakkaattan, ammoo keessi keessan kijibaa fi cubbu'uun guutameera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Akasuma alaani isani dansaa fakaattani, ammo garaani keesani d'arafi daba qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Isaniilleen ammoo akkasuma alaan dansaa fakkaattanii, garaan keessan dharaa fi cubbuu qaba” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma isinillee gubba'aan worra biraatiif qajeellota fakkaattan; keessi keessan ammo uf tuulumma'aa fi hammeennaan guuttameera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkasuma isinillee gubba'aan worra biraatiif qajeellota fakkaattan, Keessi keessan ammo uf tuulumma'aa fi hammeennaan guuttameera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana isin duubanaan namaaf qulqullaayota fakkaatanii ni muldhattan, keessa keessantti garuu, fakkeessitumma'aa fi hammeenni isinitti guutee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma isinille gubba'aan worra dhibi'itti balchoota fakkaattan, ammoo keessi keessan kijibaa fi cubbu'uun guutameera.