Matthew 23:34 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf ani raagota, qaroole'ee fi barsiisota isinii erga; isin isaan keessaa garii hin ijjeettan, kaan hin fannittan, worra dhibii mana Yihudooti itti wolitti qabamanu keessatti dhaantanee qachaa irraa gara qacha'aa ariitan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi waan anini isaniti himu: Anini raagootafi worra qalbi qabuufi qaaloota isani erga; ka gari fitt'ani, ka gari mukhati fanniftani, ka gari Maneeni Waaqa iti kad'atani keesati lichooni d'aantani, dira ch'ufa keesaa haatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf waan anin isanitti himu, anin raagoota, warra qalbii qabuu fi qaalloota isanitti erga, ka garii fixxanii, ka garii mukatti fanniftanii, ka garii Manneen Waldeennaa keessatti lichoon dhaantanii, dira cufa keessaa haatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu raattotaa fi ogeeyyii barsiisota Seera Muuse'eellee gara keessan erga. Isin isaan keessaa garii hin ajjeeftan; kaan hin fanniftan; worra kaawwanillee mana Yihuudonni wolitti qabaman keessatti dhaantanii qachaa irraa gara qacha'aa ariitan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu Raattotaa fi ogeeyyii barsiisota Seera Muuse'eellee gara keessan erga. Isin isaan keessaa garii hin ajjeeftan, kaan hin fanniftan, worra kaawwanillee mana Yihuudonni wolitti qabaman keessatti dhaantanii qachaa irraa gara qacha'aa ariitan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf kunoo, ani nabiyyoota, ogeessota, barsiisota gara keessan ni erga, isaan keessa tokko tokko'llee ni ajjeefttan, tokko tokko ni fannifittan, tokko tokko'llee bakka wolgayii isaanii titti ni dhaanttan, magaala'aa gara magaala'aa'llee isaan ni ariitan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf ani raagota, qaroole'ee fi barsiisota isinii erga; isin isaan keessaa garii hin ijjeettan, kaan hin fannittan, worra dhibii mana Yihudooti itti wolitti qabamanu keessatti dhaantanee qachaa irraa gara qacha'aa ariitan.