Matthew 23:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan hujii ifii mara worri dhibiin akka isaan dhaggu hujan; qudhaama Jechooti Barreeffama Wayyichaa keessa jiru, ka addaa fi irree ifii irratti hidhatanu babadhisanee qudhaammatan; handaara woyaa uffatanee daadimatanuu dheereffatan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan ch'ufa aka nami worra argu tolchani. Qud'aami worri addafi harkati hid'atu waan gugurda, handaari woya worraleeni waan d'ed'eera.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Waan cufa akka namii warra argu tolchan. Qudhaamii warrii addaaf harkatti hidhatu waan gugurdaa, handaarii wayaa warraalleen waan dhedheeraa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namatti uf mudhisu'uuf jedhanii hujii isaanii maraa hojjatan. Qudhaama jechoonni barreeffama Woyyuu keessa jiru, ka addaa fi irree ufii irratti hidhatan babadhisanii qudhaamatan; handaara uffata uffatanii Rabbiin kadhatanillee hin dheereffatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namatti uf mudhisu'uuf jedhanii hujii isaanii maraa hojjatan. Qudhaama jechoonni barreeffama Woyyuu keessa jiru, ka addaa fi irree ufii irratti hidhatan babadhisanii qudhaamatan; handaara uffata uffatanii faateffatanillee hin dheereffatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Hujii isaanii mara ka raawwatan akka namoonni isaanii arganiif jedhaniit, qudhaamman isaanii ni babaldhisan, handaara uffata isaanii ka kadhanna'aa ni dheeresan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan hujii ifii mara worri dhibiin akka isaan dhaggu hujan; qudhaama Jechooti Barreeffama Woyyicha keessa jiru, ka addaa fi irree ifii irratti hidhatanu babadhisanee qudhaammatan; handaara woyaa uffatanee daadimatanuu dheereffatan.