Matthew 23:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isin barsiisaa tokko waan qaddanuu fi isin martinuu obboleeyyan waan teetaneef ‘Barsiisa'a’ jedhantanee hin waamamina'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Rabbi nami isaniini jechu himmalle, wonti akanatiifi isaniini ch'ufti oboleyaani, barsiiftu toko ch'alla qabdani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo ‘Barsiisaa guddaa’ namii isaniin jechuu hinmale, maaliif isaniin cuftii obbooleeyyan, barsiisaa tokko callaa qabdan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin barsiisaa tokko waan qabdanii fi isin martinuu obboleeyyan waan taataniif, ‹Barsiisaa'a› jedhamtanii hin waamaminaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isin barsiisaa tokko waan qabdanii fi isin martinuu obboleeyyan waan taataniif, ‹Barsiisaa'a› jedhamtanii hin waamaminaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isin garuu, barsiisaan keessan tokko qofa waan ta'ee fi marri keessanuu obboleeyyan waan taataniif, ‹barsiisaa› jedhamttanii hin waamaminaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin barsiisaa tokko waan qaddanuu fi isin martinuu obboleeyyan waan teetaneef ‹Barsiisa'a› jedhantanee hin waamamina'a.