Matthew 24:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus Galma Waaqaatii bayee adoo deemiisatti jiruu, barattoti isaa ijaarsa Galma Waaqaa isatti mudhisiisaaf dhufane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Yesoni Mana Waaqa keesaa bahu jiru, jari isaa isati d'ufe, aka ijaarsa Mana Waaqa isa agarsiisu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Yesus mana Waaqaa keessaa ba'uu jiruu, jarii isaa ijaarsa mana Waaqaa agarsiisuuf gara isaa dhufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus uduu mana woyyu'uu bayee deema'aaru, darasoonni isaa ijaarsa mana woyyu'uu isatti mudhisu'uuf gara isaa dhufan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus mana woyyu'uutii bayee uduu deema'aaru, darasoonni isaa ijaarsa mana woyyu'uu isatti mudhisu'uuf gara isaa dhufan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus Mana Waaqeffanna'aatii baye yoo deemu, barattoonni isaa gamoo Mana Waaqeffanna'aa isatti muldhisu'uuf, gara isaa ni dhiyaatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus Galma Waaqaatii bayee adoo deemiisatti jiruu, barattooti isaa ijaarsa Galma Waaqaa isatti mudhisiisaaf dhufane.