Matthew 24:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus itti dabalee, “Akkuma raagaan Daani'el dubbate, ‘Farra badi'ii’ addee woyyittii dhaabbattuun yennaa dhaggitanu, ka kana dubbisu hubatuu ti!
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani waan jibbani, ta nama rifachiisa, ta fulla qulqullo ejitu, ta raagi Danielini waan isii dubbate ya argitani (nami soomu ha hubatu)
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus itti dabree, “Isan waan jibban, ka nama rifachiisaa, ka fulaa qulqulloo ejjitu, ta raagii Daani'el waan isii dubbate ya argitanii (namii dubbisu ha hubatuu)
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammallee, «Akkuma raattichi Daani'eel dubbate, ‹Farra badi'ii› hulee woyyitti'ii dhaabatee yoo argitan, ka kana dubbisu haa hubatuu!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammallee, «Akkuma raagaan Daani'el dubbate, ‹Farra badi'ii› hulee woyyitti'ii dhaabatee yoo argitan, ka kana dubbisu haa hubatuu!
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Nabiyyichi Daan'eel akkuma dubbatetti wonitti batteessu jibbisiisaa, bakka Qulqulluu ta'e dhaabatee yeroo argitanitti dubbifataan haa hubatu!»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus itti dabalee, «Akkuma raagaan Daani'el dubbate, ‹Farra badi'ii› addee woyyittii dhaabbattuun yennaa dhaggitanu, ka kana dubbisu hubatuu ti!