Matthew 24:21 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa san rakkinni guddaan hin te'a, rakkinni akkasii haga biyyi lafaa dadanteen jalqabee haga ammaatitti te'ee hin beeku, ijjumaa deebi'eelle hin te'u.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaargali guyya suni gaargala taka haga lafti uumamte haga arrale ind'ufiini taha. Wonti akasi iti deebite lafa ind'uftu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Gaargalii guyyaa sun gaargala takka haga laftii uumamtee haga ardhaallee hindhufin ta'a. Wantii akkasii itti deebitee lafa hindhuftu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san rakkinni guddaan hin dhufa; rakkinni akkasii haga biyyi lafaa uumamte irraa jalqabee haga ammaatitti ta'ee hin beeku; sirimaa deebi'eellee hin ta'u.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san rakkinni guddaan hin dhufa, rakkinni akkasii haga biyyi lafaa uumamte irraa jalqabee haga ammaatitti ta'ee hin beeku, sirimaa deebi'eelle hin ta'u.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti biyyi lafaa yeroo uumamee jalaqabee haga adhaa titti ka hin ta'in, ufi duranaaf'llee ka isa fakkaatu gonkumaa ka hin taane, rakkinni ol aanaan ni ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san rakkinni guddaan hin te'a, rakkinni akkasii haga biyyi lafaa dadanteen jalqabee haga ammaatitti te'ee hin beeku, ijjumaa deebi'eelle hin te'u.