Matthew 24:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyooti sun adoo gabaabbatuu dhabaatee, nami tokkooyyuu silaa hin fayyuuyyu; sababa worra filameetiif ammoo guyyooti sun hin gabaabbatan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Waaqi ya guyya suni gabaabse; yo inni akasi intolchiini, nami tokoleeni sila imbahu. Maro worra inni fohateefi, Waaqi guyya ingabaabsa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo guyyaan sun gabaabachuu baatee namii tokkooyyuu hinba'u. Waaqii ammoo marroo warra foohateef, guyyaa sun ingabaabsa” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyoonni sun uduu gabaabbatuu dhabaatee namni tokkollee silaa hin fayyu; sababa worra filatameetiif ammo guyyoonni sun hin gabaabbatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyoonni sun uduu gabaabbatuu dhabaatee, namni tokkollee silaa hin fayyu; sababa worra filatameetiif ammoo guyyoonni sun hin gabaabbatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyoonni sunniin gabaabachuu uduu dhabaataniitii, naminni tokko'llee fayyu'uuf hin danda'u ture, garuu waayee namoota filatamaniitiif guyyoonni sunniin ni gabaabatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyooti sun adoo gabaabbatuu dhabaatee, nami tokkooyyuu silaa hin fayyuuyyu; sababa worra filameetiif ammoo guyyooti sun hin gabaabbatan.