Matthew 24:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre isaan, ‘Kunoo! Inni lafa goomole'ee keessa jira’ yoo isiniin jedhane gad hin bayina'a; yookiin, ‘Kunoo! Inni kolloo keessa jira’ yoo isiniin jedhane hin dhugeeffatina'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yokhaani, yo nami, Ilaala, inni lafa gamooji keesa jira jed'e, achi indeemina; yokhaani yo, Inni armati d'okhachu jira jed'ani, ind'ugefatiina.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Yokaan, yo namii ‘Ilaalaa, innii lafa gammoojjii keessa jiraa’ jedhee, achi hin yaa'inaa; yokaan yo, ‘Innii armatti dhokachuu jira’ jedhan hindhugeeffatinaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maarre isaan, ‹Kunoo! Inni lafa gammoojji'ii jira› yoo isiniin jedhan, gad hin bayinaa'a. Yookaan, ‹Kunoo! Inni gola keessa jira› yoo isiniin jedhan hin amaninaa'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maarre isaan, ‹Kunoo! Inni lafa gammoojji'ii jira› yoo isiniin jedhan, gadi hin bayinaa'a. Yookiin, ‹Kunoo! Inni gola keessa jira› yoo isiniin jedhan hin amaninaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
kanaaf, ‹kunoo, gammoojjii ni jira!› yoo isiniin jedhan hin bayinaa, akkuma kana ‹kunoo, bakka dhossa'aa jira!› yoo isiniin jedhan'llee hin amaninaa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan, ‹Kunoo! Inni lafa goomole'ee keessa jira› yoo isiniin jedhane gad hin bayina'a; yookiin, ‹Kunoo! Inni kolloo keessa jira› yoo isiniin jedhane hin dhugeeffatina'a.