Matthew 24:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus gaara ejersaa gubbaa tee'iisatti jiruun, barattooti isaa qofuu gara isaa dhufanee, “Nutti himi, kun yoom te'a, dhufa teetii fi dhuma biyyaa lafaatiif beessisi maan?” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato Yesoni gaara Ejersa jed'ani gubba tau, jari isaa koba isati d'ufe waan jed'eeni, Wonti kunini ch'ufti yoomi taati? Akheekhi d'ufiisa kanketitiifi guyya muumme maani? jed'ani gaafatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Yesus Gaara Ejersa jedhan gubbaa taa'uu, jarii isaa kophaatti isatti dhufee, “Wantii kunin cuftii yoom taati? Akeekii dhufaansa keetiitii fi guyyaa muummee maan?” jedhanii gaafatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus uduu gaara ejersaa irra taa'ee jiru, darasoonni hojjatti gara isaa dhufanii, «Kun yoom ta'a nutti himi? Dhufa keetii fi dhuma biyya lafaatiif malkanni maali'i?» jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus gaara ejersaa irra taa'ee uduu jiru, darasoonni hojjatti gara isaa dhufanii, «Kun yoom ta'a nutti himi? Dhufa keetii fi dhuma biyya lafaatiif malkanni maali'i?» jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus Gaara Ejjerssaa irra taa'ee uduma jiru barattoonni isaa adda isaa titti gara isaa dhiyaatanii, «Wonitti kun marri ka ta'u yoom? dhufaatii keetiitii fi malkanni muummee barichaa hoo maali'i?» jechu'uun, ni gaafataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus gaara ejersaa gubbaa tee'iisatti jiruun, barattooti isaa qofuu gara isaa dhufanee, «Nutti himi, kun yoom te'a, dhufa teetii fi dhuma biyyaa lafaatiif beessisi maan?» jedhane.