Matthew 24:31 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni ergantoota ifii qoonqoo tuultullaa gudda'aa woliin hin erga. Isaanille maddii arfan lafaa dhaqanee, worra Waaqaaf filame ka qaccee ol-gubba'aatii haga qaccee taanii jiru wolitti qaban” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Magalata gudda d'aani, inni malaika ufi moga lafa afraaniti erga, gumi inni fohate haga muumme tanaafi haga muumme suni woltiguurani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ergamtoota ufii ta qoonqoo Magalataa guddoo dhooftu Waaqaa gubbaa moggaa lafaa afranitti erga, duuba warrii gumii Waaqii foohate haga muummee Waaqaa lafaa cufaa walti guura” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni Maleekkota ufii laagaa xurumbaa guddaa woliin erga. Isaanillee qaccee samiiwwaniitii haga qaccee samiiwwanii, daangaa lafaatii haga daangaa lafaa worra isaaf filatame wolitti qaban.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni Maleekkota ufii laagaa xurumbaa guddaa woliin hin erga. Isaanillee qaccee samiiwwaniitii haga qaccee samiiwwanii, daangaa lafaatii haga daangaa lafaa worra isaaf filatame wolitti qaban.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkaan qoonqqa ol aanaa xurunbbaa laali'ii dhageessisan ni erga, isaan'llee kallattiiwwan arffan biyya lafaatiinuu deemanii, daangaa sami'iitii haga daangaa sami'ii ka jiran, namoota isaa filatamoota wolitti ni qaban.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ergantoota ifii qoonqoo tultullaa gudda'aa woliin hin erga. Isaanille maddii arfan lafaa dhaqanee, worra Waaqaaf filame ka qaccee ol-gubba'aatii haga qaccee taanii jiru wolitti qaban» jedhe.