Matthew 24:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne ilaalladha'a; wonni akkasii kun te'uu qaban, ammoo ammalle muummeen hin geenne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wolhad'iisa d'iotiifi ka fagole ch'ufa ind'ageetani, ammo insodaatiina, wonti kunini ch'ufti d'ufu malte, ammo muummeeni ind'iaanne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Walhadhiisa dhi'otii fi ka fagoollee cufa indhageetan, ammoo hinsodaatinaa, wantii kunin cuftii dhufuu maltee, muummeen ammoo hindhi'aanne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne uf eeggadhaa'a; kun ta'uun isaa giddi'i; haa ta'uu ammo ammallee dhumni hin geenne.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne uf eeggadhaa'a; Kun ta'uun isaa dirqama, haata'uu ammo ammallee dhumni hin geenne.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qoonqqa woraanaatii fi odduu woraanaa'llee ni dhageettan, kun marrinuu ta'uu waan qabuuf hin nayinaa, muummeen garuu ufi durana.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Woraanaa fi oduu woraanaa hin dhageettan; akka hin rifanne ilaalladha'a; wonni akkasii kun te'uu qaban, ammoo ammalle muummeen hin geenne.