Matthew 25:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus itti dabalee, “Mootummaan ol-gubba'aa akka nama biyya fago'oo dhaqiisaaf ka'ee, tajaajiltoota ifii waamee, karra qabu magannee isaanitti kennate tokko fakkaatti;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafasi finna gubbaa aka nama imaltu deemu fed'u, ka hojattu ufi yaame, waan qabu ch'ufa harka worraati lakise jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Gaafas mootummaan Waaqaa akka nama himaltuu deemuu fedhuu, ka hojjattoota ufii yaamee, waan qabu cufa harka warratti lakkisee jirti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammallee, «Jeennanni sami'ii nama biyya biraa deemu'uuf ka'ee hojjattoota ufii waamee qabeenna qabu amaanaa isaanitti kennate tokko fakkaatti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammallee, «Jeennanni sami'ii nama biyya biraa deemu'uuf ka'ee, hojjattoota ufii waamee qabeenna qabu amaanaa isaanitti kennate tokko fakkaatti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus'llee akkana jechu'uun fakkeenna bira'aa isaanitti ni hime, «Yeroo sanitti haalli gara Mootummaa Waaqaa titti aseenu'uu akkana ni ta'a, naminni gara biyya bira'aa deemu tokko tajaajilttoota isaa waamee, akka waan qabeenna isaa ka qabu isaanitti kennuu, ni ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus itti dabalee, «Mootummaan ol-gubba'aa akka nama biyya fago'oo dhaqiisaaf ka'ee, tajaajiltoota ifii waamee, karra qabu magannee isaanitti kennate tokko fakkaatti;