Matthew 25:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Goottaan isaa, ‘Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa'a; waan diqqo'oon addatanteerta, ani waan guddo'otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!’ jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abbaani waan jed'eeni, Aka d'iiraa tolchite, atini aka dansaa daldalte, tanaafi anini waan guddo harka keetiti kenna. Kooti, woliini gammanna.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Abbaan kaan, ‘Akka dhiiraa tolchite, atin akka dansaa daldaltee, tanaaf anin waan guddoo harka keetiitti kenna. Kootti, waliin gammannaa’ jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gooftaan isaa, ‹Mishaa goote; ati hojjataa amanama'a; waan diqqoo irratti amanamteerta, ani waan heddu irratti si muuda; koottuu gammachu'uun gara hulee gooftaan kee sii qopheessee seeni!› jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gooftaan isaa, ‹Mishaa goote, ati hojjataa amanama'a; waan diqqoo irratti amanamteerta, ani waan heddu irratti si muuda; koottuu gammachu'uun gara hulee gooftaan kee sii qopheessee seeni!› jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gooftaan isaa'llee, ‹mishaa raawwatte, ati amanama'aa fi tajaajilaa misha'a! Waan muraasaan amanamaa taatee waan argamitteef, waan baayi'ee irratti si ni muuda, koottu, gammachuu goofta'aa qoodamu'uuf aseeni!› jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Goottaan isaa, ‹Dansaa goote, ati tajaajilaa addatamaa dansa'a; waan diqqo'oon addatanteerta, ani waan guddo'otti itti gaafatamaa si godha; koy gara gammada goottaa keetii gali!› jedheen.