Matthew 25:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba namichi beesee saantimii worqi'ii kuma tokko fudhatelle dhufee, ‘Gootta'a, ati nama hamaa addee hin dhaabinii galfattu, addee hin facaasinii haammattu akka teete si beeka;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani namichi shilingi kunki kud'ani iti kennani kaani d'ufe waan jed'e, Aabbo, anini imbeekha aka atini nama hama, atini waan inobriini murte mid'aani imfach'aasiini khod'oti galchita.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Jennaan namichii qarshii kuma kudhanii itti kennaan kaan dhufee, ‘Aabboo, akka atin nama hamaa anin inbeeka, atin waan hinoobrin murtee midhaan hinfacaasin gootaraatti galchita.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka saantibii worqi'ii kuma tokko fudhatellee gara isaa dhufee, ‹Gooftaa'a! ati bakka itti hin facaafnee akka haamattu, bakka itti hin bittinneessinee akka wolitti qabattuu fi nama hamaa ta'uu kee waan beekuuf;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka saantibii worqi'ii kuma tokko fudhatellee gara isaa dhufee, ‹Gooftaa'a, ati bakka itti hin facaafnee akka haamattu bakka itti hin bittinneessinee akka wolitti qabattuu fi nama hamaa ta'uu kankee waan beekuuf;
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Ka saantibii worqqi'ii tokko fudhate'llee dhiyaatee, ‹Yaa Gooftaa! Bakka itti hin facaasinii ka haamattu, bakka itti hin bittinneessinii ka wolitti qabddu, nama gara jabeessa ta'uu kee ni beeka,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba namichi beesee saantimii worqi'ii kuma tokko fudhatelle dhufee, ‹Gootta'a, ati nama hamaa addee hin dhaabinii galfattu, addee hin facaasinii haammattu akka teete si beeka;