Matthew 25:26 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Goottaan isaa ammoo, ‘Ati tajaajilaa hama'aa fi booseya! Addee hin dhaabinii akka galfadhu, addee hin facaasinii akka haammadhu beetteertaa motii?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Abbaani waan jed'eeni, Atini hojattu hamtu, ammalle laafa; atini aka anini waan inobriini murad'e mid'aani imfach'aasiini khod'oti galchu imbeetayu?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Abbaan kaan, ‘Atin hojjataa hamaa, ammallee laafaa; atin akka anin waan hinoobrin muradhee midhaan hinfacaasin gootaraatti galchu inbeettaayyuu?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gooftaan isaa ammo, ‹Ati hojjataa hama'aa fi ceem'aaleessa! uduu hin facaafne akka haamadhu, uduu hin bittinneessine akka walitti qabadhu hin beettaa?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gooftaan isaa ammoo, ‹Ati hojjataa hama'aa fi ceem'aalessa uduu hin facaafne akka haamadhu, uduu hin bittinneesine akka walitti qabadhu hin beettaa?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Gooftaan isaa garuu akkana ni jedheen, ‹ati hama'aa fi tajaajilaa dadhabaa nana! Bakka itti hin facaasinii akka haamadhuu fi bakka itti hin bittinneesinii'llee akka wolitti qabadhu, ka beekittu eega ta'e,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Goottaan isaa ammoo, ‹Ati tajaajilaa hama'aa fi booseya! Addee hin dhaabinii akka galfadhu, addee hin facaasinii akka haammadhu beetteertaa motii?