Matthew 25:29 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Nama qabu maraaf itti dabalantee hin kennantiif, hin bacattiifille'e; nama womaa hin qanne ammoo, wonni inni qabanuuyyuu irraa hin fudhatanti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi nama woi qabu iti darani, ammo ka woma inqamne waan inni qabule iraa fuud'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wanti akkanaatiif nama wa qabuu itti daranii, ka homaa hinqamne ammoo, waan innii qabuullee irraa fuudhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka qabu maraaf itti eda'amee waan kennamuuf, hin baay'ataafille'e; ka hin qabne ammo ta qabu sunuu irraa fudhatamti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka qabu maraaf itti eda'amee waan kennamuuf, hin baayi'ataafille'e; ka hin qabne ammoo ta qabu sunuu irraa fudhatama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nama qabu maraaf ni dabalama, ni baayi'ataaf'lle'e, yoo hin qabaatin garuu kammaan qabu sunuu, irraa ni fudhatama.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nama qabu maraaf itti dabalantee hin kennantiif, hin bacattiifille'e; nama womaa hin qanne ammoo, wonni inni qabuuyyuu irraa hin fudhatanti.