Matthew 25:41 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Achiin duuba inni worra bitaa ifiitiin, ‘Isin worra abaarame na biraa fagaadha'a; gara ibidda bara baraa ka Seexanaa fi ergantoota Seexanaatiif qophowee deema'a;
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba waan worra harka bitatiini jed'u, Na biraa bada, isani abaarsa Waaqa qabdani; gara ibida ind'aamne bada, ka Sheet'anafi malaika isaati bobeesani!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Duuba innii warra harka bitaatiin, ‘Isan warra abaarsa Waaqaa qabuu na biraa yaa'aa! Gara ibidda hindhaamnee, ka Sheexanaa fi ergamtootii isaatii bobeessanii badaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san worra bitaa irra jiraniin ammoo, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadhaa'a; gara ibidda bara baraa ka seexanaa fi ergamtoota isaatiif qophaayeetitti deemaa'a! isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Kanaan duubatti gara bira'aatiin worra jiraniin'llee, akkana ni jedha, ‹isin worri abaaramttan nana! Ana irraa garas fagaadhaa! Sheexanaa fi maleyikkootaa horddofttoota isaatiif gara bakka qophaayee, gara ibidda bara baraa deemaa!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Achiin duuba inni worra bitaa ifiitiin, ‹Isin worra abaarame na biraa fagaadha'a; gara ibidda bara baraa ka Seexanaa fi ergantoota Seexanaatiif qophowee deema'a;