Matthew 26:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani dhugumaan isinitti hima, biyya lafaa duudii keessatti, addee wongeelli kun itti lallabame maratti, wonni isiin goote qaabbii isi'iitiif hin dubbatama” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
D'uguma, waan anini isaniini jed'u, Yo odu dansa tana lafa ch'ufa keesati odeesani, waan isiini tolchite kana qaabatani isiini odeesani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin dhuguma, isaniin jedhaa, yo oduu dansaa tana lafa cufa keessatti himan, waan isiin tolchite kana qaabataniitti isiin odeesan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ani dhugamaan isiniin jedha, biyya lafaa maraa keessatti bakka kamittuu Dubbiin Nagayaa hennaa lallabamu wonti isiin goote kun ammo akka isiin qaabatamtuuf himama.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ani dhugamaan isiniin jedha, biyya lafaa maraa keessatti, bakka kamittuu Oduun Nagayaa hennaa lallabamu wonti isiin goote kun ammoo akka isiin qaabatamtuuf himama.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dhugamaan isiniin jedha, biyya lafaa mara irratti bakka wongeelli kun itti lallabamu kamittuu kun wonitti isiin raawwatte, yaadannoo isi'iitiif ni dubbatamaaf.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani dhugumaan isinitti hima, biyya lafaa duudii keessatti, addee wongeelli kun itti lallabame maratti, wonni isiin goote qaabbii isi'iitiif hin dubbatama» isaaniin jedhe.