Matthew 26:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa san Yihudaan nami biyya keriyootii, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, gara mootota hayyootaa dhaqee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani nami Yeso toko ka Yuda Iskariote jed'ani gara qaalole gugurdo d'aqe
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan warra Yesus kudhaanii lamaan kaan keessaa namichii tokko ka Yihudaa Keriyot jedhan gara qaallolee gugurdoo dhaqee
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san darasoota kudha lamaan keessaa namni Yihuudaa jedhamu ka biyya Keeriyooti tokko gara bulchoota gadootaa dhaqee,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san darasoota kudha lamaan keessaa namni Yihuudaa jedhamu ka biyya Asqorootuu tokko gara bulchoota gadootaa dhaqee,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti ergamoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e, Yihudaan naminni biyya Keriyootii gara mana itti gaafatamoota qeesotaa dhaqeeti,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san Yihudaan nami biyya keriyootii, barattoota kudhanii lamaan keessaa tokko ka te'e, gara sooreyyii hayyootaa dhaqee,