Matthew 26:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Ani yoo isa dabarsee isinitti kenne, isin maan anaaf kennitan?” isaaniin jedhe; isaan meetii soddoma isaaf kaffalane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
waan jed'e, Yo anini Yeso harka keesaniti kenne, maani naa kennitani? Duuba worri qarsi sodoma fuud'e kenneefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Yo anin Yesus harka keessanitti kenne, maan naa kennitan?” jedhee gaafate. Jenaanni warrii qarshii soddomaa fuudhee kenneef.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Yoo ani isa dabarsee isinii kenne, isin maal naa kennitan?» isaaniin jedhe; isaan birrii soddoma jedhaniin.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Yoo ani isa dabarsee isinii kenne, isin maal naa kennitan?» isaaniin jedhe; isaan birrii soddoma jedhaniin.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Yesusiin dabarssee uduu isiinii kennee, maal naa kennitan?» jedhe. Isaan'llee qarshii 30 ni kennaniif,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ani yoo isa dabarsee isinitti kenne, isin maan naaf kennitan?» isaaniin jedhe; isaan meetii soddoma isaaf kaffalane.