Matthew 26:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaa jalqaba Jila Daabboo Uukoo hin qanneetitti, barattooti gara Yesuusii dhufanee, “Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaattuuf eessatti akka si'iif qopheessinu barbaadda?” jedhanee isa gaafatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya qara ka jila Qit'a bukho inqamne, jari Yeso iti d'ufe waan jed'eeni, Jila Pasaka jed'ani eesati si tolchina?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaa qaraa ka jila Qixxaa Bukoo hinqamnee, jarii Yesus gara isa dhufee, “Jila dabarsaa jedhan eessatti sii tolchina?” jedhee gaafate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jalqaba guyyaa ayyaana xorosho'oo darasoonni gara Yesuusii dhufanii, «Hurbaata ayyaana Faasika'aa eessatti akka sii qopheessinu barbaadda?» jedhanii isa gaafatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Jalqaba guyyaa ayyaana xorosho'oo darasoonni gara Yesuusii dhufanii, «Hurbaata ayyaana Faasika'aa eessatti akka sii qopheessinu barbaadda?» jedhanii isa gaafatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jalqaba guyyaa ayyaana Qixxa'aa titti barattoonni isaa gara Yesusii dhiyaatanii, «Irbaata Ayyaanaa Faasiika'aa eessatti akka si qopheessinu barbaadda?» jechu'uun, ni gaafataniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa jalqaba Jila Daabboo Uukoo hin qanneetitti, barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Sagalee Jila Irra Dabaramaa akka nyaattuuf eessatti akka si'iif qopheessinu barbaadda?» jedhanee isa gaafatane.