Matthew 26:18 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Inni deebisee, “Qachaa keessa gara mana nama tokkoo dhaqa'aatii, namicha saniin, ‘Yennaan tiyya dhikaatteerti; ani Jila Irra Dabaramaa barattoota tiyya woliin mana keetitti jilfadha, jedha barsiisaan’ jedha'aan” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan jed'eeni, Gara nama toko d'aqa waan jettaniini, Aabbooni waan jed'u, Guyyaani kiyya ya gahe; anaafi jari kiyyaleeni mana kanke keesati Pasaka nyaanna jed'aani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ammoo deebisee, “Gara nama tokkoo dhaqaa, ‘Aabboon, guyyaan kiyya ya ga'ee naa fi jarii kiyyaalleen mana kee keessatti sagalee jila dabarsaa nyaanna’ jedhaan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni deebisee, «Qachaa keessa gara mana nama tokkoo dhaqa'aatii namicha saniin, ‹Barsiisaan hennaan kiyya dhiyaateeraa; darasoota tiyya woliin si biratti ayyaana Faasikaa godha jedheera› jedha'aan.» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Inni deebisee, «Qachaa keessa gara mana nama tokkoo dhaqa'aatii, namicha saniin, ‹Barsiisaan hennaan kiyya dhiyaateeraa; darasoota tiyya woliin si biratti ayyaana Faasikaa godha, jedheera› jedha'aan.» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni'llee, «Gara magaala'aa yoo aseenittanitti gara mana nama argattanii deema'aatii, ‹barsiisaan yeroon kiyya gayee jiraatii barattoota tiyyaan woliin, Irbaata Ayyaana Faasiika'aa ka nyaadhu mana kee titti jedha› jedha'aanii» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni deebisee, «Qachaa keessa gara mana nama tokkoo dhaqa'aatii, namicha saniin, ‹Yennaan tiyya dhikaatteerti; ani Jila Irra Dabaramaa barattoota tiyya woliin mana keetitti jilifadha, jedha barsiisaan› jedha'aan» isaaniin jedhe.