Matthew 26:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Guyyaa lamaan duuba Jilti Irra Dabaramaa akka dhuttu isin hin beettan, Ilmi Namaalle fannifamiisaaf dabarfamee hin kennama” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aka isani beetani, eegi bulti lamaa jila Pasakaati; gaafasi Ilma Nama harka namati kennani mukha gubbati fannisani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Akka guyyaa lamaan duuba jiltii dabarsaa dhuftu isan inbeettan, gaafas ilma namaa harka namaatti kennaanii mukaa gubbaatti fannisan” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Guyyaa lamaan maayessa ayyaanni Faasika'aa akka ayyaanteffamu hin beettan; Ilmi Namaa worra Isa fannisutti dabarfamee kennama» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Guyyaa lamaan maayessa ayyaanni Faasika'aa akka ayyaaneffamu hin beettan. Ilmi Namaa worra Isa fannisutti dabarfamee kennama» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Guyyaa lamaan duubatti Ayyaanni Faasiika'aa akka ta'u ni beekittan, Ilmi Namaa fannifamu'uuf dabarffamee ni kennama.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Guyyaa lamaan duuba Jilti Irra Dabaramaa akka dhuttu isin hin beettan, Ilmi Namaalle fannifamiisaaf dabarfamee hin kennama» jedhe.