Matthew 26:25 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudaan, ka isa dabarsee kennaaru, “Barsiisa'a, dhugumaan ana te'inaa?” jedhe. Yesuus deebisee, “Atuu jette” jedheen.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yudani qonqo olfud'ate waan jed'e, Na wo taate, Aabbo? Yesoni waan jed'eeni, Atini ya afaani keetiini jette.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yihudaan ka dabarsee isa kennu ammoo qoonqoo olfudhatee, “Na wa taatee, Aabboo?” jedhe. Yesus ammoo, “Atin ya afaan keetiin jette” jedheen.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudaan dabarsee isa kennu deebisee, «Barsiisaa'a! ana ta'innaa?» jedhe. Innillee atuu jette jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yihuudaan dabarsee isa kennu deebisee, «Barsiisaa'a, ana ta'innaa?» jedhe. Innillee atuu jette jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yihudaan dabarssee isa kennu'llee, «Yaa barsiisaa! Ana ta'innaa?» jedhe. Yesus'llee, «Akkuma ati jette» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudaan, ka isa dabarsee kennaaru, «Barsiisa'a, dhugumaan ana te'innaa?» jedhe. Yesuus deebisee, «Atuu jette» jedheen.