Matthew 26:31 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus, “Isin martinuu edana na lakkittanee hin baqattan; sababille, ‘Ani tissee hin ijjeesa, hoolotille hin xexeeraman’ jedhantee barreeffanteerti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yesoni waan jed'eeni, Halkani kana isaniini ch'ufti na lakiftani baqattani, wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Waaqi tissitu ree ijeese, reeni gargari firfirfamti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Yesus, “Halkan kana isaniin cuftii na lakkiftanii baqattan, barreesiin qulqulloon, ‘Anin tissituu re'ee inijjeessa, re'een gargarii bittinoofti’ jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Yesuus darasoota ufiitiin, «isin maruu halkan kana na dhiiftanii baqattan; ‹Ani tissee hin dhaya; hoolonni hin faca'an› jedhamee waan barreeffameeruuf.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san Yesuus isin martinuu halkan kana na dhiiftanii baqattan, Ani tissee hin dhayaa hoolonni hin faca'an jedhamee waan barreeffameeruuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo kanatti Yesus, barattoota isaatiin akkana ni jedhe, « ‹Tissicha ni dhaya, hoolonni'llee ni bittinnaayan› jedhamee barreeffamee jiraatii, halkan kanatti marri keessanuu ana ni waakkattan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus, «Isin martinuu edana na lakkittanee hin baqattan; sababille, «‹Ani tissee hin ijjeesa, hoolotille hin xexeeraman› jedhantee barreeffanteerti.