Matthew 26:39 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Haga diqqaa irraa hiiqee, lafatti jigee, “Abbaa kiyya, yoo dande'ame, muduunuun rakkinnaa tun narra dabartuuti; te'uu male akka fedha keetii malee, akka fedha kiyyaa hin te'in” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Diqo dura deeme fuula durati lafaani ufi d'ae, Waaqa kad'ate waan jed'e, Aabbo kiyya yo dandeete mudunu tana nara fuud'i, fed'i tiyyaaniti ammo fed'i tante gula.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Diqqoo dura deemee fuula duratti lafaan ufi dha'ee, Waaqaa kadhatee, “Aabboo kiyyaa! Yo dandeette muduunuu tana narraa fuudhi, ammoo akka fedhii tiyyaatiinii akka fedhii teetii gula” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Diqqoo isaan irraa siiqee kallachaan gad kufee, «Abbaa kiyya! yoo danda'ame, mijuun rakkinnaa tun na irra haa luftuu; haa ta'uu ammo akka fedha keetii malee akka fedha kiyyaa hin ta'in» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Diqqoo isaan irraa siiqee, kallachaan gad kufee, «Abbaa kiyya, yoo danda'ame, mijuun rakkinnaa tun narra haa luftuu; haata'uu ammoo akka fedha keetii malee, akka fedha kiyyaa hin ta'in» jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan irraa muraasa achi fagaatee deemeeti, lafa irratti kallacha isaatiin gonbbifamee, akkana jechu'uun ni kadhate, «Yaa Abbaa! Ka siif danda'amu yoo taate, duloon sarddamaa kun ana irraa garasi haa dabrru! Garuu fedhii kee haa ta'u malee, fedhii kiyya hin ta'in.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haga diqqaa irraa hiiqee, lafatti jigee, «Abbaa kiyya, yoo dande'ame, muduunuun rakkinnaa tun narra dabartuuti; te'uu male akka fedha keetii malee, akka fedha kiyyaa hin te'in» jedhe.