Matthew 26:40 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba inni gara barattoota sadii deebi'ee dhufee, rafiisatti jiranuun dhagge; inni Pheexroosiin, “Maarre, isin sa'aatii tokkolle ana woliin dammaxxanee turuu hin dandeennee?
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani gara jara isaa sadeeni kaani deebie, worra rafu arge waan Petroni jed'e, Akami dandeetani haga saa tokole na woliini eegu dad'abdani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan gara jara isaa sadeen kaanii deebi'ee, warra rafu argee Phexrosiin, “Akkam haga saatii tokkoollee dandeettanii na waliin eeguu dadhabdan?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa inni gara darasootaa dhufee uduu rafa'aaran isaan argee, Pheexroosiin akkana jedhe, «Maarre, isin sa'aatima tokkollee na woliin jabaachuu dadhabdanii?
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa inni gara darasootaa dhufee, uduu rafa'aaran isaan argee, Pheexroosiin, «Maarre, isin sa'aatima tokkollee na woliin jabaachuu dadhabdanii?
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti gara barattoota sadiinii deebi'ee yeroo dhufetti, rafanii isaan ni argate, kanaaf Phexirosiin akkana jedheen, «Isin anaan woliin saa'aatima tokko'llee jabaachu'uuf hin dandeennee miti?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni gara barattoota sadii deebi'ee dhufee, rafiisatti jiranuun dhagge; inni Pheexroosiin, «Maarre, isin saatii tokkolle na woliin dammaxxanee turuu hin dandeennee?