Matthew 26:42 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yesuus ammalle yennaa lammeesso'oo isaan irraa hiiqee, “Abbaa kiyya, muduunuun rakko'oo tun adoo hin unin narra dabariisa ka hin dande'anne yoo teete, feedhiin teeti muummottuuti” jedhee daadimate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro lameeso Yesoni deeme, Waaqa kad'ate waan jed'e, Yo mudunu tana haga anini d'uguti naraa imfuune, fed'iini tante ha taatuuti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo lammeessoo Yesus deemee, Waaqaa kadhatee, “Ee Aabboo yo muduunuu tana haga anin dhuguutti narraa hinfuune, fedhiin tee ha taatuutii” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yesuus ammallee hennaa lammeesso'ootiif isaan irraa siiqee, «Abbaa kiyya! mijuun rakko'oo tun uduu hin dhunne na irra lufuu ka hin danda'amne yoo ta'e fedhiin tee haa taatu» jedhee faateffate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yesuus ammallee hennaa lammaffa'aaf isaan irraa siiqee, «Abbaa kiyya, mijuun rakko'oo tuni uduu hin dhunne narra lufuu ka hin danda'amne yoo ta'e, fedhiin tee haa taatu» jedhee faateffate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Deebi'ee'llee Yesus yeroo Lammaffaa'llee fagaatee deemeeti, «Yaa Abbaa! Duloo sarddamaa kan uduu hin dhugin ana irra dabrru ka hin dandeenne yoo taate, fedhii kee haa ta'u!» jechu'uun, ni kadhate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yesuus ammalle yennaa lammeesso'oo isaan irraa hiiqee, «Abbaa kiyya, muduunuun rakko'oo tun adoo hin unin narra dabariisa ka hin dande'anne yoo teete, fedhiin teeti muummottuu ti» jedhee daadimate.