Matthew 26:45 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba inni gara barattootaa deebi'ee dhufee, “Isin haga ammaa rafaa, foorfatiisatti jirtanii? Kunoo, sa'aatiin Ilmi Namaa harka cubbaaleyyi'iititti dabarfamee kennamu geetteerti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani gara worra deebie waan jed'eeni, Ammalle ufuma ch'iiftani raftani? Ilaala, hojjaani Ilma Nama harka worra dabaati kennani ya d'iaatte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan gara warraa deebi'ee, “Ammallee ufumaa ciiftanii raftanii? Laalaa, yohii ilma namaa harka warra dabaatti kennaan ya dhi'aatee.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa gara darasootaa dhufee, «Isin haga ammaa raftanii hara baafata'aartanii? Kunoo! sa'aatiin Ilmi Namaa harka cubbamtootaatitti dabarfamee kennamu geetteerti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa gara darasootaa dhufee, «Isin haga ammaa rafa'aa, harabaafata'aartanii? Kunoo, sa'aatiin Ilmi Namaa harka cubbamootaatitti dabarfamee kennamu geetteerti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti gara barattoota isaa deebi'ee dhufeeti, akkana isaaniin jedhe, «Ammallee raffittanii jirttanii? Boqannaa taasisa'aa jirttan moo? Kunoo, Ilmi Namaa harka cubbamootaa titti dabarffamee saa'aatiin itti kennamu gayee jira,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni gara barattootaa deebi'ee dhufee, «Isin haga ammaa rafaa, foorfatiisatti jirtanii? Kunoo, saatiin Ilmi Namaa harka cubbaaleyyi'iititti dabarfamee kennamu geetteerti.