Matthew 26:47 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Adoo Yesuus dubbatiisatti jiruu, barattoota kudhanii lama keessaa tokko ka te'e Yihudaan dhufe; gumiin guddoon ulee-jirmaa fi goraadee qabatteertu, mootota hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aa biraa ta erganteertu isa woliin jirtiiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ato inni dubbachu jiru, Yudani ka jara kud'ani lama ke jiru d'ufe. Isa woliini gumiini guddooni ta sheeftifi bokuuni yaatu d'ufte, ta qaalole gugurdofi jaaroleeni Yahudi ergite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo innii dubbachuu jiruu, Yihudaan ka jara kudhanii lamaan kaan kee jiru dhufee, isa waliin gumiin guddoon goraadee fi bokuun yaatu, ta qaalloolee gugurdoo fi jaarrolleen Yihudii ergite, dhufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu Yesuus waan kana dubbata'aaru darasoota kudha lamaan keessaa tokko Yihuudaan dhufee gumiin hedduu isa woliin guraade'ee fi bokkuu qabatanii bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni biyyaallee isa woliin dhufan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduu Yesuus waan kana dubbata'aaru, darasoota kudha lamaan keessaa tokko, Yihuudaan dhufee; gumiin hedduu isa woliin guraade'ee fi bokkuu qabatanii, bulchoonni gadootaatii fi manguddoonni biyyaallee isa woliin dhufan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Uduma Yesus dubbata'aa jiru kunoo, barattoota isaa kudha lamaan keessaa tokko ka ta'e Yihudaan ni dhufe, isa woliin'llee billayaa fi ulee ka qabatan namoonni baayi'een ni dhufan, isaan'llee itti gaafatamoota qeesotaatii fi jaarsotii ummataa biraa worra ergaman turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Adoo Yesuus dubbatiisatti jiruu, barattoota kudhanii lama keessaa tokko ka te'e Yihudaan dhufe; gumiin guddoon ulee-jirmaa fi shallaagaa qabatteertu, sooreyyii hayyootaatii fi jaarsolee kolba'aa biraa ta erganteertu isa woliin jirtiiyyu.