Matthew 26:51 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dedhuma, worra Yesuus woliin jiru keessaa tokkochi goraadee buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra isaa irraa kute.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami Yeso woliini jiru toko, sheefti ufi qalqala keesaa luqise, tisse qaallicha gudda d'ae, gurra iraa kute.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii Yesus waliin jiru tokko, goraadee ufii qalqala keessaa luqqisee, hojjataa qaallicha guddaa dha'ee, gurra irraa kute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra Yesuusiin woliin jiran keessaa tokko guraadee baafatee gurra hojjataa gadichaa dhayee irraa kute.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra Yesuusiin woliin jiran keessaa tokko guraadee baafatee gurra hojjataa gadichaa dhayee irraa kute.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Yesusiin woliin worra jiran keessaa tokko harka isaa hiixatee, billaya isaa luqqifateeti tajaajilaa itti gaafatamaa qeesotaa dhayee, gurra isaa ni mure.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dedhuma, worra Yesuus woliin jiru keessaa tokkochi shallaagaa buqqifatee, garbicha hayyicha gudda'aa dhowee, gurra isaa irraa kute.