Matthew 26:52 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Yesuus, “Goraadee keeti gonofa'atti deebifadhu; worri goraadee buqqifatu martinuu goraade'een bada.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yesoni waan isaani jed'e, Sheefti tante qalqalati deebisi; wonti akanatiifi nami sheefti fud'atu ch'ufti sheeftiini dua.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yesus nama kaaniin, “Goraadee tee qalqalatti deebis, namii goraadee fudhatu cuftii goraadeen badaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san Yesuus akkana jedhe, «Guraadee kee qolatti deebis; worri guraadee luqqifatan maruu guraade'een badan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa san Yesuus akkana jedhe, «Guraadee kee qolatti deebis; worri guraadee luqqifatan maruu guraade'een badan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yesus garuu akkana jedhe, «Billaya worri luqqifatan billayaan ni badaniitii billaya kee, gara qola isaa titti deebisii galchi.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yesuus, «Shallaagaa keeti gonofa'atti deebifadhu; worri shallaagaa buqqifatu martinuu shallaaga'aan bada.